Fana: At a Speed of Life!

Baqattoonni Sudaan Kibbaa 50 galaanaa Meeditraaniyaaniitti dhidhiman

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Baqattoonni Sudaan Kibbaa 50 galaanaa Meeditraaniyaaniitti dhidhimuun lubbuun isaanii darbeera.

Aanga’oonni Sudaan akka himaniitti baqattoonni kunneen karaa

seeraan alaa imalaa kan turan kuma 4 fi 850 keessaa Sudaanoonni, Sooriyaanoonni, Ityoophiyaanoonnii fi Ertiraanoonni keessatti argamu.

Baqattoonni kunneen umriin isaanii waggaa 15 hanga 35tti ta’uun beekameera.

Dooniin ka’umsaa isaa Liibiyaa taasisuun gara Xaaliyaan imalaa turee galaanaa Meedtiraaniyaaniitti dhidhimuu kan danda’e.

Baqattooni 50 lubbuun isaanii wayita darbu, 280 ammoo Hospitaaloota Xaaliyaan keessaatti yaala argachaa akka jiran ragaan ni muul’dhisa.

Maddi:-Sudaan Poost

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.