Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa darbetti daldala alaarraa galiin doolaarri biiliyoonni 3 ol argame

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Bara baajataa darbetti daldala alaarraa galiin Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 3 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Galii damichaarraa argachuuf karoorfame 81% raawwatamuu Ministirri deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Ambaasaaddar Mizgaanuu Araggaa ibsaniiru.
 
Galiin bara baajatichaa argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame 14% caalmaa qaba jedhan.
 
Galii argamee keessaa Doolaarrii Ameerikaa biiliyoonni 2.3 damee qonnaarraa kan aragame ta’uu himameera.
 
Doolaarrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 6 ammoo Oomisha damee Indaastiriirraa argamuu isaa Ambaasaaddar Mizgaanuun ibsaniiru.
 
Akkasumas damee Albuudarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miilyoonni 8 argameera jedhan.
 
Kanneen hafe meeshaalee Elektirooniksii alatti ergaman irraa argamuu ragaan ministeerichaarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.