Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa darbetti daldalaa alaa Albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 7 argame

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti bara baajataa darbetti daldalaa alaa Albuuda garaagaraarraa galiin miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 7 argame.
 
Ministeera Albuuda fi Boba’aatti daayreektarri mirkaneessa ga’umsa hojii gurgurtaa Albuudaa obbo Batiruu Hayilee akka ibsanitti, bara baajataa 2012tti damicharraa galiin argachuuf karoorfame Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 60 ture jedhan.
 
Galiin bara baajatichaa argame kan bara darbee Doolaara Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 59 caalmaa qaba jedhan.
 
Albuuda Warqee qofarraa galiin argame kan baajata bara 2011 argamerra fooyyee qaba jedhan.
 
Daballii galii argameef mootummaan sababa weerara Vaayrasii Koroonaaf sirreefama gatii taasisuun isaa shoora olaanaa ba’eera jedhan.
 
Daangaawwan biyyattii cufamuu isaan daldalli Koontroobaandii hir’achuun isaas galiin damichaarraa argamu akka dabaluuf sababa ta’eera jedhan obbo Batiruun.
 
Daldalaa Alaa Warqeerraa galii fooyya’aan argamus faayaawwan alatti erguuf Geejjibni Qilleensaa adda cituun gabaa isaarratti dhiibbaa uumuu kaasaniiru.
 
Galiin bara kana damichaarraa argame bara 2004 as isa olaanaa ta’uu himameera.
Maddi TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.