Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa kana daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3.62 argame

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Bara baajataa kana daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3.62 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.
Galiin kun harki caalu oomishaalee qonnaa fi Albuudaa Alatti ergameerra kan argame ta’uu ibseera.
Karoora bara kanaarraa % 88 milkaa’uu himeera.
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Doolaara miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 92 caalmaa qabaachuu Ministir Deettaan Ministeera Daldalaa fi Babal’ina damee daldalaa Amaasaaddar Misgaanuu Araggaan ibsaniiru.
Ameerikaa, Awurooppaa, Saa’ud Arabiyaa Siingaapoor , Isiraa’eelii fi Chaayinaan biyyoota oomishaaleen kunneen baay’inaan itti ergaman ta’uu ministeerichi ibseera.
Qonjiit Zawdeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.