Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti dhiiga korojoo kuma dhibba 3 fi kuma 43 walitti qabuuf karoorfame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)-Baankiin Dhiiga Biyyooleessaa bara baajata qabameetti dhiiga korojoo kuma dhibba 3 fi kuma 43 walitti qabuuf karoorsu beeksise.

Daayreektarri olaanaan Baankii Dhiiga biyyooleessaa obbo Yaaregaal Baantee turtii Faanaa Broodkaasting Korpooreet waliin taasisaniin baankichi bara 2012tti dhiiga heddu walitti qabuu ibsaniiru.

Kanaafiis dhiiga korojoo kuma dhibba 2 fi kuma 88 walitti qabuu ibsuun, dhiingi korojoon kumni dhibbi 1 fi kumni 12 Finfinneerra walitti qabamuu ibsaniiru.

Hubannoon hawaasni dhiiga arjoomuurratti qabu dabalaa dhuufera jedhan.

Sababa weerara vaayrasii koroonatin fedhiin dhiiga hospitaalootarra dhiiyatu gadi buu’aa akka ta’ees eeraniiru.

Hospitaalloonni dhuunfa dhiiga bilisaan arjoomamee gurguraa jiraachuu ibsuun kunis dogogoraa hamaa ta’uu daayreektarichi beeksisaniiru.

Dhiigni hin gurguramu hin jijjiirramu hawaasnis rakkoowwan akka kanaa yoo isaan mudaatee eeruu akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Sisaay Geetinnatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.