Fana: At a Speed of Life!

Bara kana akka Oromiyaatti Sanyiin filatamaa Muuzii miiliyoonni 1.4 ol ni dhaabbata jedhame

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Bara kana akka naannoo Oromiyaatti Sanyii filatamaan Muuzii miiliyoonni 1.4 ol kan dhaabbatu ta’uu ibsameera.
Sagantaan jalaqabbii kilaastara Muuzii sanyii filatamaa Naannoo Oromiyaa kan bara 2013 guyyaa har’aa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaaniitti eegaleera.
Sanyii filatamaan Muuzii kun qorannoo labraatoorii keessaattii haala qilleensaa naannootiif ta’uun qoratamee kan ba’e ta’uu himameera.
Gosti Muuzii kun yeroo gabaabaa keessatti kan ga’uu fi Muka Muuzii tokkoorraa oomishni Kg 35-40 argamsiisuu kan danda’u ta’uu ibsameera.
Hektaraa tokkorraa kuntaalli 400 ol argamuu danda’a jedhameera.
Bara kana akka naannoo Oromiyaatti godinaalee sadii aanaalee 20 keessaatti biqiltuu Muuzii miiliyoona 1.4 dhaabuuf karoorfamuu himameera.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.