Fana: At a Speed of Life!

Barana Godina Jimmaatti dargaggoota kuma 60’f carraan hojii uumame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC ) Godina Jimmaatti bara bajataa xumurametti dargaggoota kuma 60’f carraan hojii uumamuunisaa himame.

Godinichatti dargaggoota kuma 53f carraa hojii uumuuf karorfameetu, dargaggoota kuma 60’f carraan hojiin kan uumame.

Dargaggootni kun waldaalee kuma 7 jalatti kan gurmaahan yoo ta’u, gosa hojii qonnaa, mukaafi sibiila, furdisa looniifi daldalaan carraan hojii uumameef.

Dargaggoota hojii qonnaa jalatti gurmaahaniif tiraaktarootni 32 qarshii miliyoona 52n bitamuusaa itti gaafatamaan waajira misooma Intarpraayizii Godina Jimmaa Obbo Eliyaas Mahammed dubataniru.

Kana males, maashinootni daabboo, hodhaa uffataa, mukaafi sibilaafi gommistaa qarshii miliyoona 10.6n bitamanii dargaggootaaf liqiin kennamuusaa itti gaafatamchi himaniru.

Godinachatti bara bajataa xumarammee carraa hojiif qarshii milyoona 200 fi miliyoona 13 liqiin kennuuf karoofame keessaa qarshiin miliyoonni 100 fi Miliyoona 21 liqiin kennameera.

Dargaggota carraan hojii uumameef keessaa harkii 30ni dubartoota.

Muuktaar Xahaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.