Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni barana kutaa jiranitti barnoota isaanii irra deebi’u jechuun kan ololli adeemaa jiru soba -Biiroo Barnootaa Finfinnee

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Baraana barattoonni daree jiranitti, barnoota isaanii irraa deebi’u jechuun odeeffannoo adeemaa jiru olola dhugaarraa fagaateta’uu Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaala Finfinnee beeksise.
Xumura bara barnootaa 2014tti barattoonni qormaata xumuraa fudhachuuf wayita qophaa’aa jiranitti qaamolee itti gaafatama hawaasummaa hinqabnee fi barattootaa dagachiisuuf baranaa daree jiranirraa daree itti aanutti ce’uun hinjiru jechuun oduun miidiyaalee hawaasummaan tamsaafamaa jiru dhugaarraa kan fagaate ta’uu biirichi beeksiseera.
Ministeera Barnootaarraa qajeelfamni ba’e akka hinjirre kan eere Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, barattoonni odeeffannoo sobaa kanaan utuu hin burjaaja’iin barnoota isaaniif xiyyeeffannaa kennuun bu’aa caalu galmeessuuf tattaffachuu akka qaban hubachiisuu ragaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaala Finfinneerraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.