Fana: At a Speed of Life!

Manni kitaabaa diijjiitaalaa, kaffaltii malee tajaajila laachuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Barattoonnii fi barsiisonni dhaabbilee barnoota olaanoo mana kitaabaa/ laaybirarii diijjiitaalaa kaffaltii malee akka fayyadaman murtaa’e.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin barnootaa fi leenjiin idilee adda cituu isaatin, barnoota karaa teeknooloojitiin laachuuf hojjetamaa jiraachun ni beekama.
 
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo barnoota kallattii intarneetitiin laachuuf humna barattootaa ilaalcha keessa galchuudhan, akkaataa barnoonni tolaan fayyadamuu danda’anirratti Iityoo Teelekoom waliin hojjechaa turuu beeksiseera.
 
Har’aa eegalees karaa diijjiitaal laaybirarii ministeerichi qopheessen fayyadamuun ni danda’ama jedhameera.
 
Haaluma kanaan karaa http://ndl.ethernet.edu.et/ seenudhaan bilisaan yookin kaffaltii malee kallattii intarneetitiin fayyadamuun ni danda’ama jedhameera.
 
Manni kitaabaa kallattii intarneetii kun kitaabota eeruu, moojuloota barattoota waggaa 1ffaa, ibsa fakkiiwwaniin deeggaraman, barreeffamoota koorsiiwwanii kuma 80 ol ta’an hammatamaniiru.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.