Fana: At a Speed of Life!

Barattoota bara 2012 eebbifamaniif boruu irraa eegalee waamichi ni taasifama

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)- Barattoota bara 2012 eebbifamaniif boruu irraa eegalee waamichi akka taasifamuuf Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.

Ministeerichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen, waggoottan dhi’oo as yuunvarsiitiiwwan keessaatti walitti bu’iinsi sanyummaa, amantiin mudachuun lubbuun barattoota baduu fi hokkoorri adda addaa keessaatti umaamuu beeksiseera.

Gareen gantuu ABUT waggottan darbaniitti yuunvarsiitiiwwan keessaatti gandaan walqooduun,  tokkummaa Sabdaneessaa akka hin jiraannee, barattoota gidduutti hokkoorri amantii fi sanyuuma akka mudatuu fi lubbuun  akka baduu shira xaxaa tureera.

Maatiin barattootaas naannoo isaaniitiin alaatti yuunvarsiitiiwwan jiranitti ramaddiin barattootaa wayita gaggeeffamuu karaa garagaraan sodaa isaanii ibsataa turu ibsichi ereeraa.

Ministeerichi raayyaan ittisa biyyaa tumsa uummataan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisu ABUT irratti fudhateetti gamaduu ibseera.

Kanafiis waamichi barattoota eebbifamtoota baatii Sadaasa 21, 2013 irraa eegalee kan gaggeeffamuu fi torbee tokko booda barattoonni hafaan akka waamaman ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.