Fana: At a Speed of Life!

Barattoota qabxii olaanaa galmeeessaniif sagantaan beekkamtii laachuu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Barattoota akka naannoo Oromiyaatti qabxii olaanaa galmeessaniif sagantaan beekamtii kennuu geggeeffameera.
Sagantaan beekamtii kennuu barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa bara 2012 fudhatanii qabxii olaanaa galmeessisanii kun bakka preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamaniit magaalaa Adaamaa galmaa Abbaa Gadaatti geggeeffameera.
Sirni beekamtii kennuu kun akka oromiyaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessisan 152 kan hirmaachisee yoo ta’u tokkoon tokkoo barattoota kanneeniif Birriin kumni 20’n bifa badhaasaan laatameera.
Dabalataanis barattoota 152 akka oromiyaatti qabxii olaanaa galmeessisaniin filaman kanneen keessaa barattoota dhiiraa 3 fi dubara 3 qabxii fooyya’aa galmeessaniif badhaasni addaa meedaliyaa fi taableetiin kennamuu himameera.
Gama biraatiin manneen barnootaa 3 akka naannoo Oromiyaatti barattoonni hedduun keessatti qabxii 600 ol-galmeessan badhaafamtoota kompitaaraa fi waancaa ta’aniiru.
Sirna barattootaaf beekamtii kennuu kanarratti itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa naannoo Oromiyaa olaanoo,Abbootiin Gadaa,barattoonni fi qaamoleen biroo argamaniiru.
Barattoonni har’a akka naannoo Oromiyaatti qabxii galmeessaniin beekamtii argatan kunniin Preezdaant Shimalis Abdiisaa harka badhaasa isaanii fudhataniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com.
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.