Fana: At a Speed of Life!

Barattoota qabxii olaanaa galmeessan 273’f Iskoolaarshiippiin kennamuu MM Abiy Ahimad ibsan

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Barattoota qabxii olaanaa galmeessan 273 Emereetota Arabaa Gamtoomaniitti carraan barnootaa Iskoolaarshiippii guutuun kennamuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Barattootaa qabxii olaanaa galameessanii fi manneen barnootaaf badhaasa kennaniiru.

Saganticharrattis ergaa dabarsaniin, barattoota sagantaa Iskoolaarshiippaa argataniin baga gammaddan jedhaniiru.

Barattoonni kunneenis yuunivarsitii olaanaatti barnoota isaanii hordofuun Ityoophiyaa fi Afrikaaf akka ga’an waamicha dhiyeessanii, biyya isaanis akka hindaganne gaafatan.

Barattoonni ogummaa akka horatanii fi biyya jijjiiruuf akka hojjetan, keessumaa dhugaaf dhaabbachuun boru biyya isaanii jijjiiruu akka danda’an himaniiru.

Barattoonni qabxii olaanaa galmeessanis dhugaaf dhaabbatanii biyyaa akka ijaaraan dubbatan.

Dhaloonni ammaa xiqqaatus guddatus biyya isaaf tattaafachaa jiraachuu kan kaasaan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, barattoonni kunneen waa’ee biyyaa akka yaadanii fi hayyoonni Ityoophiyaanotaa isaan keessa akka bahaniif imaanaa jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan gama isaaniin, akka mootummaa fi ministeerichaatti jijjiiramni eegalame qormaataa simachuun ta’us, cabiinsa barnootaa dameewwan hundaatti mul’atan suphuu fi barattoota madaallii kamiinuu ga’oo fi cimoo horachuuf kan tattafatamu ta’uu ibsan.

Adeemsa jijjiiramaa kanaan fayyadamaanis, miidhamaniis kutaalee hawaasaa ta’uu ibsanii, fuuldurattis adeemsa barattoota ga’umsa qaban horachuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Barattoota beekkamtiin kennameef keessaa barnoota dame barnoota Saayinsii Umaamaa qabxii 600 ol kan fidan 263 fi damee barnootaa Saayinsii Hawaasummaan barattoota qabxii 500 ol fidan 10’f kan kenname ta’uun ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.