Fana: At a Speed of Life!

Barattoota Yuunvarsiitii fi eebbifamtoota teeknooloojii Appiliikeeshinii sooftiweerii irratti leenjisuun hojiitti galchuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Barattoota Yuunvarsiitii fi eebbifamtoota teeknooloojii Appiliikeeshinii sooftiweerii irratti leenjisuun hojiitti galchuuf hojjetamaa jira.

Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Proofeesar Afawarqi Kaasuu, Barattoota Yuunvarsiitii fi eebbifamtoota hojimaata Appiliikeeshinii sooftiweerii irratti leenjisuun haala carraa hojii uumuun danda’amu irratti  Hojii Gaggeessaa  Dhaabbata ‘Hagaranyaa’ jedhamu Miister Biiyaang Miin waliin mari’ataniiru.

Pirooppozaalli gama dhaabbatichaan dhiyaate barattoota Yuunvarsiitii fi eebbifamtoota hojii barbaadaan haala gabaan addunyaa barbaaduun leenjisuun gabaaf dhiyeessuu akka ta’e ibsameera.

Miister Biiyaang  ogeeyyiin afaan kompiiyuutaraa leenjii ga’aa ta’e fudhachuun gara Indaastirii galan muraasa ta’uu ibsaniiru.

Barattoota Yuunvarsiitiiwwan Ityoophiyaa keessatti argamanii fi eebbifamtoota ogummaa Teeknooloojii odeeffannoo, saayinsii uummamaa fi damee Injiinariingiin eebbifamani hojii barbaadaa jiraniif ce’umsaa beekkumsaa taasisuun gara Teeknooloojii odeeffaannoo addunyaan barbaaduutti galchuuf qophii xumuruu isaanii ibsaniiru.

Proofeesar Afawarq gama isaaniin  karoora barnootaa haaraa kana keessatti ministeerichi dame ICT tiif xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira jedhan.

Proojaktoonni akka kanaa carraa hojii uumuuf shoora olaanaa waan qabaniif karoora isaanii galmaan ga’uuf dhaabbaticha waliin kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.