Fana: At a Speed of Life!

Barattootni Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaa 25 carraa barnoota bilisaa argatan

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Barattootni Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaa 25 carraa barnoota bilisaa argatan.

Barattoonni kanneen gara dhaabbilee barnoota olaanoo Duubaay carraa barnoota bilisaa itti argatanitti imalaniiru.

Daayreektarri olaanaa Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Dajanee Itichaa fi daayreektarri Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Damee Adaamaa Dooktar Hirphasaa Caalaan barattoota carraa argataniif gaggeessaa taasisaniiru.

Manni barnootichaa bara 2006 kan hundeeffame yoo ta’u, barattoota kutaa saddeetitti qabxii gaarii galmeessisanii fi ulaagaalee addaddaan madaalee guutan guutummaa Oromiyaarraa fudhachuun kutaa 9-12 barsiisa.

Bara 2011 barattoonni qormaata kutaa 12 fudhatan martii carraa yuunvarsiitiwwan adda addaa seenuu argachuun isaanii ni yaadatama

Baratoonni qormaata kutaa 10ffaa fudhatan waliigalaan 189 keessaa 77 barnoota qoraman kurnaniin “A” kan argatan yoo ta’u, barattonni 90 immoo qabxii 4 galmeessisaniiru.

Barattoonni 13 qabxii 3.85, barattoonni 6 qabxii 3.71, barattonni 2 qabxii 3.57, barataan tokko qofti qabxii 3.41 galmeessisuun isaa ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.