Fana: At a Speed of Life!

Barattuun Qormaataa Kutaa 12ffaa qoramuuf Yuunivarsiitii Bulee Horaa seente daa’imman lakkuu deesse

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015 (FBC) – Barattuun Qormaataa biyyaalessaa Kutaa 12ffaa qoramuuf Yuunivarsiitii Bulee Horaa seente daa’imman lakkuu deesse.

Akkasumas Qormaataaf Yuunivarsitii Wallaggaa Kampaasii Naqamtee baratoota dhufan keessaa barattuun tokko nagaan Hospitaala Riferaalii Yuunivarsitii Wallaggaati mucaa oofkalteerti.

Dabalataan Barattuun Yuunivarsiitii Booranaatti qormaata Biyyaaleessaa Kutaa 12ffaaf ramadamte mucaa dubaraa nagaan deesseerti.

Barattuu Qabballee Bonayyaa Jiloo, Godina Booranaa Aanaa Elwayyee Mana barumsaa Kanuu Jiloo sadarkaa 2ffaa irraa Yuunivarsitii Booranaatti qormaata Biyyaaleessaa Kutaa 12ffaa qoramuuf ramadamtee guyyaa har’aa mucaa dubraa nagaan hiikamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame nimmul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.