Fana: At a Speed of Life!

Barattuun Qormaataa Kutaa 12ffaa qoramuuf Yuunivarsiitii Dirree Dawaa seente ilma dhiiraa deesse

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Barattuun Godina Harargee Lixaarraa Yuunivarstii Dirree Dawaatti Qormaataa Kutaa 12ffaa qoramuuf imalte ilma dhiiraa nagaan oofkalte.

Barattuu Tsiggereedaa Abarraa mana barumsaa Qophaa’inaa Burqaa Diimturraa Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitii Dirree Dawaa erga geessee har’a sa’aatii 7:00 irratti ilma dhiiraa nagaan oofkaluu ishee ibsameera.

Yeroo Ammaa Barattuu Tsiggereedaa fi daa’imni ishee haala gaariirratti kan argaman ta’uu himameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.