Fana: At a Speed of Life!

Barattuun Yuunvarsiitii Odaa Bultum Qabxii Olaanaan eebbifamte Badhaasa isheef qophaa’e Hospitaalatti fudhatte

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Barattuun Yuunvarsiitii Odaa Bultum Qabxii Olaanaan eebbifamte Badhaasa isheef qophaa’e Hospitaalatti fudhatteetti.

Barattuun kun guyyuma har’a ilma deesseetti.

Barattuu Hikmaat Fadluu Yuunvarsitii Odaa Bultumitti Muummee barnoota Biizinasii fi Ikonomiksii jalatti gosa barnoota Akkawuntiingiin qabxii 3.8 fiduun badhaafamte.

Garuu barattuu Hikmaat yeroo badhaasa silaa fudhachuu qabdutti deessee Hospitaala Ciroo jirti.

Sirna Eebba Barattoota Yuunvarsitichaarratti kan argaman Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa fi walitti qabduun boordii yuunvarsiitichaa Aadde Caaltuu Saanii badhaasa Ishee Hospitaala Cirootti aragmuun laataniiru.

Barattuun Hikmaat Fadluu Ilma Dhiiraa kan argatte yoo ta’u, guyyaa eebba ishiitti badhaasa qabxii barumsa ishiin argattee fi guyyaa kanatti deessee ilmoo argachuutti heddu akka gammadde himtetti.

Dubartiin tokko ulfa garaatti baattee Barnoota barachuun heddu ulfaataadha ta’us garuu deeggarsa maatii kiyyaa fi barsiisoota kiyyaan waaniin milkaaheef rabbiif galatni haa gahuu jetti.

Akka OBN gabaaseetti Barattuun Hikmaat fi daa’imni ishee fayyummaa gaariirra jiruu.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.