Fana: At a Speed of Life!

Barsiiftuu daa’ima ishee waggaa 1 baachuun barsiiftu

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Barsiiftuu Ayyaantuu Baldhinaa naannoo Oromiyaa godina Booranaa magaalaa Yaaballoo Mana Baruumsaa Sadarka 1ffaa Daboobettii keessatti barsiisti.

Barsiiftuu Ayyaantuu Baldhinaa haadha daa’ima durba takkaati.

Barsiiftuu Ayyaantuun barattoota kutaa 5 hanga 8 jiran gosa barnootaa ispoortii barsiifti.

Abbaan warraa barsiiftuu Ayyaantuu mana baruumsaa biroo keessatti waan barsiisuf, daa’ima ishee manatti kan isheef eegu hin qabdu.

Barsiiftuu Ayyaantuun nama daa’ima isheef eeguu dhabdus guyyoota hojii ishee hin gubdu.

Yeroo maraa daa’ima ishee baattee gara mana barnootaa deemuun, barattoota ishee barsiifti.

Daa’ima ishee qabattee yeroo gara daree barnootaa seentu baratootatti miira gaaritu itti dhaga’aama jechuun dubbatti.

Yeroo barsiisonni biroon kitaaba barnootaa qabatanii gara daree bantootaa seenan ani immoo kitaaban ittiin barsiisu cinaatti daa’imakoo harma hoosisaan barsiisa jetti barsiiftuu Ayyaantuun.

Ministeerri Barnootaa barsiisonni daangaa koorniyaatin ala carraaqqi isaanitiin diindagdee fi hawaasummaa mo’atan bu’a qabeessummaaf akka ta’aan barsiiftuu Ayyaantuun fakkeenya jedheera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.