Fana: At a Speed of Life!

Barsiisaan boo’u lammiin Jaappaan boo’uun dhiphuu hir’isuuf faayiddaa akka qabu ibsa

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Barsiisaan boo’u lammiin Jaappaan boo’uun dhiphuu hir’isuuf faayiddaa akka qabu ibsa.

Hidifaamii Yushiidaa mata isaa “ Barsiisaa boo’aa” jechuun of ibsa.

Dhiphuu hir’isuu akkasumas jireenya gammachuu gaggeessuf boo’uun akka barbaachisu ni dubbata.

Hidifaamii Yushiidaa torbee darbe namoonni akka boo’an shakkalchiisuu fi barsiisuu himeera.

Namni kun dhiphina keessa ba’uu fi jireenya gammachuu qabu gaggeessuuf boo’uun faayida tokko akka ta’e ni ibsa.

Kanaanis waggota 7 darbaniif namoonni kuma 50 akka dubbaniis deeggarsa taasisu himeera.

Barsiisaa boo’aan umrii 45 kun idileen workishooppii fi haasawwan guutumaa Jaappanitti qopheessun torbanitti yeroo 1 boo’uun faayidaa qabu barsiisuu fi akka boo’aniif jajjabeessuun gammachuu fi dhiphuurraa akka fagaatan tumsuurratti argama.

Boo’ichi sammuun akka tasgabaa’u, sochiin narvii akka si’atu akkasumaas fayyaa sammuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsa.

Maddi:- Odiit Sentiraal

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 


 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.