Fana: At a Speed of Life!

Barumsaa weerara Koronaa irraa arganneen weerara dhibeewwan biroo ittisuu dandeettii cimsuu barbachisa –Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)-Barumsa weerara Koronaa irraa arganneen weerara dhibbeewwan biroo mudachuu danda’an ittisuu fi deebii qubsaa kennuuf dandeettii cimsuun barbachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Yaa’ii 76ffaa Fayyaa Addunyaa Siwizeerlaand Geneevaatti gaggeeffamaa jirurratti haasawa kan taasisan Dooktar Liyaan, Ityoophiyaan hundeessitoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa tokko ta’uu yaadachiisan.

Bara Faranjootaa 1956 Ityoophiyaan waliigaltee Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa waliin taasisuu eeruun, waggoottan darban Ityoophiyaan eegumsa fayyaa hawaasaa irratti bu’aalee galmeessisuu ibsaniiru.

Gama biraatiin Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Ityoophiyaa fi Muummee Saayinsii Meedikaalaa Ministeeraa Fayyaa Taayilaandii gidduutti waliigalteen walta’iinsaa mallatteeffameera.

Waliigaltecha Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Ityoophiyaa Heeraan Garbaa, Daayrektara Olaanaa Muummee Saayinsii Meedikaala Ministeeraa Fayyaa Taayilaandi Suupaak Sarilaanki mallatteessuu ragaan Ministeera Fayyarra argamne ni mul’isa.

Waliigaltechi qulqullina qorannoo laabiraatoorii biyyoota lameenii mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.