Fana: At a Speed of Life!

BBCn dubbii MM FDRI Dooktar Abiy hin dubbanne akka dubbataniitti eeruun oduu sobaa tamsaasuun himame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – BBCn dubbii Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hin dubbanne akka dubbataniitti fudhachuun odeeffannoo sobaa tamsaasuu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa beeksise.
Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa Ityoophiyaa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan jechuun odeeffannoon sobaa BBCn Fuula Tiwiitarii isaarratti dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee barreesseen kan gaafatamu ta’uu ibseera.
Fuula Tiwiitarii isaarratti odeeffannoo dogongoraa erga tamsaasee daqiiqaa afuriin booda haquu isaa ibsameera.
BBCn Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru ‘eenyuyyuu yaa da’u eenyu kan dhaabbatuu miti’ jedhan jechuun odeeffannoon dogongoraa guyyaa har’aa Fuula Tiwiitarii isaarratti barreesse kan dhugaarraa fagaate ta’uu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa Ityoophiyaa ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.