Fana: At a Speed of Life!

Beekkamtii boordichaan ala lakkoofsi galmee filattootaa ibsamu kamiiyyuu fudhatama hin qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) –Boordiin Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsi galmee filattootaa beekkamtii boordichaan ala ibsamu kamiiyuu fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachiiseera.
Filannoo marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamuuf galmeen filattootaa naannolee  fi bulchiinsa magaaloota keessatti gaggeeffamaa jiraachuu boordichi ibseera.
Haaluma kanaan ragaalee qindeessitoota buufataalee filannoorraa ergaman irratti hundaa’uun boordichi lakkoofsa galmee filattootaa yeroo ibsaa jiraachuu himeera.
Yaa ta’uutii lakkoofsi galmee filattootaa beekkamtii boordichaan ala ibsamu kamiiyuu fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachiiseera.
Qaamoleen ragaa galmee filannoo darbarsan kamiiyyuu lakkoofsa boordicharraa argatan qofa fayyadamuu akka qaban yaadachiisuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.