Fana: At a Speed of Life!

Beelaarus haleellaan meeshaa waraanaa niwukilaraa akka yaaddessuun beeksiste

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Meeshaan Atoomikaa Ameerikaan Poolaandii qabdu haleellaa niwukilaraaf saaxiluunii akka danda’u Beelaarus ibsite.

Pireezidaantiin biyyattii Aleeksaandar Lukaashankoo Poolaandi carraan haleellaa niwukilaraa Beelaarusirratti raawwachuuf qabu bal’aadha jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Beelaarus meeshaa niwukilaraa waan hinqabneef tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu eeruun, dhimmicha irratti Kireemliin waliin mari’anna jedhaniiru.

Polaandii fi Waashiingitan meeshaa niwukilaraa waliin fayyadamuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu, Ameerikaan meeshaa niwukilaraa ishee Poolaandiin kaawwachuu akka dandeessu beekamtii kennuu hordofee pireezidaantichi sodaa qaban eeraniiru.

Ameerikaan gama isheetiin Dhaabbanni Waadaa Waranaa Atilaantik Kaabaa (NATO) bara Faranjootaa 1997 booda, bulchiinsa biyyoota miseensummaan itti makamanii keessa meeshaa niwukilaraa dhaabuuf karoora akka hinqabne Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Veedaanti Paatal ibsuu isaanii RT’n gabaaseera.

Ameerikaan meeshaa niwukilaraa Beeljiyam, Jarman, Xaaliyaan, Neezerlaandii fi Turkii keessa kan dhaabde yoo ta’u, Raashiyaan meeshaaleen kunneen gara Ameerikaatti akka deebifaman gaafattus Ameerikaa fi NATO’n eeyyamamoo hintaane.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.