Fana: At a Speed of Life!

Benjaamin Netaniyaahuu haleellaa Gaazaa ‘cimsinee itti fufna’ jedhan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Muummee Ministiraa Israa’eel Benjaamin Netaniyaahuu haleellaa Gaazaa ‘cimsinee itti fufna’ jedhan.
Muummee Ministiraa Israa’eel Benjaamin Netaniyaahuu lola waraanaa torban dura eegaleen, haleellaa rokkeetii irra ga’uuf “humnaan akka deebisan’ dubbatan.
Hawaasni addunyaa waldhabdeen kun akka dhaabbatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Sanbata yaaddoo haalicha irratti qaban ibsuuf bilbilaan Muummee Ministiraa Israa’eel Netaniyaahuu fi Preezdaantii Paalastiin Maahmuud Abbaas waliin haasa’aniiru.
Manni Maree Nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomani dhimma kanarratti har’a marii gaggeessa jedhamee eegama.
Wiixata erga lolli kun eegalee as Gaazaa keessatti yoo xiqqaate namootni 148 ajjeefamuu isaanii aanga’oonni Paalastiin himaniiru.
Israa’eel ammoo daa’imman lama dabalatee namootni 10 du’uu isaanii himteetti.
Namoota hanga ammaatti ajjeefaman keessaa 41 daa’immaan ta’uu ibsameera.
Maddi:-BBC fi Al Jazeera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.