Fana: At a Speed of Life!

Bidiruun Hara Caamoorra namoota 8 feetee imalaa turte dhidhimte

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Bidiruun Aanaa Addaa Amaaroo ganda Alfaaciirraa gara Magaalaa Aarbaa Mincitti namoota 8 feetee Hara Caamoorraan imalaa turte dhidhimuu Poolisiin Godina Gaamoo beeksise.

Bidirittiin namoota dabalataan Muuzii feetee imalaa turuu ishee Ajajaan Qajeelcha Poolisii godichaa Itti Aanaan Komaandaraa Dagifee Dabalaa ibsaniiru.

Hojiin namoota kanneen baraaruu gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii hanga ammaatti hojjetameen uffataaleen ala homtuu hin argamne jedhame.

Kanaan booda namoonni kunneen lubbuun argamuun isaanii shakkisiisaa ta’uu isaa Itti Aanaan Komaandaraa Dagifee Dabalaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Yohaannis Darribawtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.