Fana: At a Speed of Life!

Biirichi Baatiwwan 6’n darban abbootii Qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 95 ol galmeessan kuma 2 fi 754 simate

Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC) – Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Baatiwwan 6’n darban abbootii Qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 95 ol galmeessan kuma 2 fi 754 simachuu beeksiise.

Biirich abbootii Qabeenyaa kuma 2 fi 754 kaappitaala Birrii biiliyoona 95 oliin galmeessan simachuu dursaan garee Piroomooshinii Invastimantii fi Bakka bu’aan Kominiikeeshinii Biirichaa Obbo Siyyuum Hayiluu Faanaa Biroodkaasting Korpooreetiif himaniiru.

Abboottiin qabeenyaa kunneenis Qonnaan bultoota, waldaalee, IMX,Diyaaspoorawwan, Abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi Alaa fi kanneen biroo ta’uus ibsaniiru.

Abboottiin qabeenya kunneen hojiilee Qonnaa, Maanuufaakcheriingii ,Agroo Indaastirii fi tajaajila irratti boba’uun lammiilee kuma 77 fi 839 f carraan hojii uumuun isaanii ibsaniiru.

Akkasumas baatiwwan jahan darban oomishaalee Abaaboo, Kuduraa fi Muduraa alaatti ergamanirraa galiin Doolaara miiliyoonni dhibba 3 miiliyoona 1 fi kuma dhibba 7 ol argamuu Obbo Siyyum himaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.