Fana: At a Speed of Life!

Biirichi bara barnootaa 2014tti barattoota miiliyona 11.7 ol galmeessuuf karoorsuu ibse

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara barnootaa 2014tti barattoota miiliyona 11.7 ol galmeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Hojiin barnootaa baatii kana sosochii ummataa bal’aa taasisuun hojjetamu keessaa tokko Galmee barattootaa ta’uu biirichi beeksiseera.

Bara barnootaa 2014tti barattoota miliyoona 11, kuma 720 fi 114 galmeessuuf karoorfame hojiitti galuu ibsameera.

Akka ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame muldhisuutti,hojiin galmee barattootaa yeroo ammaa kanatti godinaa godinatti wal haa caalu malee haala gaariin raawwachaa jira jedhameera.
Milkaayina galmee barattotaa kanaaf dhimmamtoonni hundi tumsuu qabas jedhameera.OBN

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.