Fana: At a Speed of Life!

Biirichi daldaltoota zayta nyaatarratti daballii gatii hin barbachifnee taasisaan irratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee daldaltoota zayta nyaatarrattii daballii gatii hin barbachifnee taasisaan irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.
Itti aanaan biiricha obbo Akbaarany Wugaagaan daballiin gatii zaytaarratti taasifamee sababa kan hin qabne ta’u himaniiru.
Kanarrati hunda’ee gaticha tasgabbeessuuf Ministeerri Daldalaa fi Biroon daldalaa magaalaa Finfinnee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun walii galteerra ga’uu himaniiru.
Gatiin zayta nyaata gatii gurgurtaa baatii lamaa duraan tureetti akka deebi’uuf walii galaniiru
Haa ta’uu malee bu’uura waliigaltichan gatiin zaytaa hir’ina kan hin agarsiisnee ta’uusaa magaalichatti dhimmicha kan hordofuu koreen hundaa’ee sakattoo taasiseen biraa ga’uu kaafameera.
Daldaltoota zayta abbaa leetira 5 Birrii 360 oliitti gurguraan irrattis tarkaanfii fudhatamuu eegaluu ibsameera.
Malaakuu Gaadiiftu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.