Fana: At a Speed of Life!

Biirichi galii Birrii biiliyoona 22 ol walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 23, 2013 (FBC)- Biiroon Galiiwwan magaalaa Finfinnee galii Birrii biilyoona 22 fi miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 47 walitti qabuu beeksise.
Biirichi raawwii baatiwwan 6 wayita gamaaggameetti galicha kan ifoomsee.
Baatiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 24 walitti qabuuf karoorseen % 94.3 raawwachuu akka danda’ee eererra.
Biirichi hojii jijiirramaa hojjechuu fi dubartoota ga’umsaa qaban gara hoggansaatti fiduun bu’aa kanaaf shooraa olaanaa qabachuu waltajjichaan ka’eera.
Biirichi karooraa isaa dhibba dhibbaa raawwachuu kan hin dandeenyeef qaamolee nagahee hin kunnee fi nagahee sobaa fayyadamaniif ta’uu ibseera.
Yeroo itti aanuutti tarkaanfii seeraa cimsuuf akka hojjeetu himameera.
Sisaay Warquutu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.