Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Kutaa 12ffaa irratti Hubannoo Kenne

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa har’a qoda fudhattoota kenniinsa qormaataa fi nageenyaaf leenjii hubannoo uumuu (orientation) Magaalaa Adaamaatti kenneera.
Qormaatni Seensa Dhaabbata Barnootaa Olaanoo sababa COVID-19n kan bara barnootaa 2012 baranatti ce’uun isaa ni beekama.
Leenjii kana haasaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa dhimmi barnoota dhimma hawwasa maraa fi sektaroota hundaa ta’uu isaa kaasanii hunduu milkaa’ina qormaata kanaaf tumsuu akka qabu waamicha taasisan.
Qormaata kana on-line akka qoramuuf yaaliin taasifame meeshaa biyya alaa irraa galuu qabuun gufatee jira; ammas sababa 2nd wave COVID-19n.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa har’a qoda fudhattoota kenniinsa qormaataa fi nageenyaaf leenjii hubannoo uumuu (orientation) Magaalaa Adaamaatti kenne.
Leenjii kana irratti sadarkaa biiroo irraa kaasee hanga waajjiraalee godinaa/ bulchiinsa magaalaalee poolisii, bulchiinsaa fi nageenya, waldaa barsiisotaa, waajjiraalee barnootaa ; akkasumas , ogeessonni qormaataa argamanii jiru.
Qormaata kana akka biyyaatti barattootni 411,000 ta’an yoo fudhatan Oromiyaan barattoota 150,511 qormaataaf qopheesse.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.