Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa raawwii hojii baatii 6 fi kallattii gara fuula duraaraa gamaaggamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa raawwii hojii baatii 6 fi kallattii gara fuula duraaraa gamaaggamaa jira.
 
Biirichi akka beeksisetti gamaaggama raawwii hojii kanarratti hoggansi barnootaa godinaalee, aanaalee, koolleejjotaa fi buufataalee raadiyoo argamaniiru.
 
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon haasawa taasisan keessatti qabxiin xiyyeeffannoo gamaaggama hojii kanaa;
 
1. Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa ijaarsi isaanii rakkoo godhatee jiru bifa furmaata argachuu qabaniin itti deemuu;
 
2. Riifoormii hoggansa barnootaa fi caasaa barnootaa bifa haaraan gurmeessuu bu’aa gama barnootaan argamuu malu olguddisuu,
 
3. Manneen barnootaa daangaarra jiran sababa walitti bu’iinsaan diigamanis ta’e rakkoon mudatee jiru fi furmaanni isaa maal ta’uu akka qabaatu, akkasumas kanneen istaandaardii hin guutin jiran sadarkaan isaanii akka fooyya’uuf irratti hojjechuu irratti,
 
4. Mindaa barsiisotaa fooyya’e hojiirra oolchuurratti marii taasisuu,
 
5. Imaammata barnootaa haaraa qophaa’aa jiru fi karoora barnootaa qophaa’aa jiru waliin wal-qabatee hojiilee hojjetamuu qaban; keessattuu qophii kitaaba barreessuu fi qulqullinni barnootaa bifa itti rakkoo keessaa bahuun wal-qabatee marii gaggeessuu,
 
6. Karoora waggaa 10 akka mootummaatti qophaa’ee jiru Biiroon Barnootaa, Ministeera Barnootaa waliin ta’uun qopheessuu fi raawwiin isaa maal akka ta’uu qabu xiinxaluu,
 
Qabxiileen xiyyeeffannoo gamaaggama hojii ji’oottan jahan darbanii, ammas hojjetamaa jiranii fi gara fuula duraatti hojjetamuu qabaniin wal-qabatee haasawa baniinsaa taasifame keessatti kanneen ibsamanidha.
 
Akka waliigalaatti raawwiin hojii barnootaa gabaasa biiroon dhiyeesse irraa akka hubatametti kan hanga ammaatti jiru ciminaa fi hanqina qabu adda baasuun dhiyaateera.
 
Hojii barnootaa bara kanaa karaa milkaa’aa ta’een raawwachuuf hoggansi sadarkaan jiru itti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu ibsameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.