Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Niiwzarlaand irraa deeggarsa Birrii biiliyoona 1.9 argate

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Niiwzarlaand irraa deeggarsa Birrii biiliyoona 1.9 argate.

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa deeggarsa argameen meeshaalee yaala fayyaa bituuf Dhaabbata Dhiyeessii Idil Addunyaa ‘Proojak EN’ waliin waliigaltee mallatteessera.

Deeggarsichi bittaa meeshaalee yaalaa addaddaaf kan ooludha.

Dhaabbilee fayyaa godina Qeellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa fi godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman keellaawwan fayyaa 514, buufataalee fayyaa 130, buufataalee fayyaa 16 sadarkaan isaanii (“CEMONC”) ol guddatan, hoospitaalota haaraa 2 fi baankii dhiigaa 1 warren (“ORIO project boosting maternal and child health in Wollega”) jalatti hammatamaniif meeshaaleen yaalaa bituun dhiyeessuuf dhaabbaticha waliin waliigalteen mallatteeffameera.

Naannoon Oromiyaa tumsichaaf kan filatamte fayyaa haadholii fi daa’immaniirratti hojiilee hojjetteen bu’aa olaanaa argamsiisteni.

Yidnaqaachaw Haaylamaariyaamtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.