Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Fayyaa Oromiyaa loogoo Haaraa ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa Loogoo bifa Haaraan qopheesse ifoomseera.

Biirichi gamaaggamaa raawwii hojii bara 2014 gaggeessera.

Ciminoota turan babal’isuun hanqinaalee mul’atan maksuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsaniiru.

Bara 2015 keessa karooraa fi xiyyeeffannoo gama Fayyaan jiru fooyyeessuuf ni hojjetama jedhan.

Gamaaggamicharratti Itti gaafatamtoonni Waajjiraalee Godinaa fi Buclhiinsa magaalootaa, Baankii dhiigaa, gidduugala Laabiraatoriiwwanii fi kolleejjiiwwan Fayyaa argamaniiru.

Qaamolee kanneen waliin walharkaafuudhinsi karoora taasiifameera.

Saganticharratti qaamolee raawwii hojii olaanaa galmeessaniif beekkamtii fi Badhaasni laatameera.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.