Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Fayyaa Oromiyaa seektaraalee fayyaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kenne

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Biiroon Fayyaa Oromiyaa seektaraalee fayyaa raawwii hojii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kennuu ibsame.

Birichi qorannoo raawwii hojii bara 2014fi kallatti karoora hojii 2015 irratti marii magaalaa Adaamaatti taasisaa ture guyyaa har’aa xumureera.

Waltajjichaan seektaraalee fayyaa raawwii hojii olaanaa qabaniif beekamtii kenneera.

Waltajjicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa  Dooktar Darajjee Dhugumaan, hojiilee gurguddoo bara 2015tti hojjechuuf karoorfame galmaan gahuuf ‘Rood Maappii’ sagantaa pakeejjii Eeksteeshinii Fayyaa sirnaan hojiirra oolchuu murteessadha jedhan.

Sirna tajaajila fayyaa fooyyesuufi qulqullina tajaajilaa mirkanessuuf dhaabbilee fayyaa qofa babal’isuun gahaa akka hin taanee eeruun, rakkoo dhiyeessii qorichaa furuuf labsiifi qajeelfamni bittaa haaraan qophaa’aa akka jiruu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan gamasaaniin, galma badhaadhinaafi guddina waliigalaa milkeessuuf fayyaan galtee murteessaa ta’uu dubbatan.

Itti gaaffatamaan Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Namarraa Bulii, raawwii seektara fayyaa caalmaan bu’aa qabeessa taasisuuf yeroo kamiyyuu  caalaa xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhaniiru.

Waajjiraalee fayyaa godinaaleefi magaalootaa, baankiiwwan dhiigaa dabalatee giddugaloota qorannoo fayyaa hawaasaafi laabraatoorii raawwii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasa Birrii kuma dhibba 2 fi Kuma 50 hanga Birrii Miiliyoona 1 kennamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.