Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Intarpiraayizii fi Industurii Oromiyaa godinaalee,magaalotaa fi dhaabbilee garagaraa carraa hojii uumuu,liqii kennuu fi liqii kenname deebisiisuu irratti adda durummaa qabaniif beekamtii kennuun badhaaseera

Finfinnee, Hagayya 24, FBC (2012)-Biiroon Intarpiraayizii fi Industurii Oromiyaa godinaalee,magaalotaa fi dhaabbilee garagaraa carraa hojii uumuu,liqii kennuu fi liqii kenname deebisiisuu irratti adda durummaa qabaniif beekamtii kennuun badhaaseera.

Sirnicharratti argamuun badhaasicha kan laatan itti aantuun Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Adde Caaltuu Saanii, seektarri carraa hojii uumuun seektara jiruu fi jireenya Ummata jijjiiruu keessatti gahee guddaa qabuudha jedhan.
Hooggansi rakkoo ilaalcha irraa bilisa ta’ee bu’aa qabatamaa galmeessuu qabas jedhaniiru.

Hojii madaalaa deemun bu’aa gaarii galmeesisuuf kan gargaaru waan ta’eef waan hojjatamu madaalaa deemun dubbii ijoodhas jedhan aadde Caaltuun.

Yeroon amma irra jirru wajjiin hojii fi gabaasni wal simuuu qaba.carraan hojii dhaabbii ciminaan irratti hojjatamuu akka qabus dubbataniiru.

Invastimantii caalmatti gara hojitti galchuu keessattis gaggeessan adda durummaan gahee isaa bahachuu akka qabu aadde Caaltuun dhaamaniiru.

Dhimmi ragaa sobaa hunderraa baduu akka qabu fi hojiin hojjatamu karaa loogii irraa bilisa ta’ee hojii dhabaa Kenyaa hojitti galchuu qabnas jedhan.Diinagdee Keenya karaa guutuu ta’een sochoosuun murteessadhas jedhan.

Maddi:- Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.