Fana: At a Speed of Life!

Biriitaaniyaan talaalliin vaayrasii koroonaa  ‘Faayzar’ jedhamu faayidaarra akka oolu eeyyamte

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) –  Biriitaaniyaan talaalliiwwan vaayrasii koroonaa  ‘Faayzar fi Baayoonteek’ jedhaman faayidaarra akka oolan eeyyama laatte.

Biriitaaniyaan biyyoota Lixaa keessaa biyya jalqabaa  eeyyama talaallii Koroonaa laatte ta’uu ishee ibsameera.

Talaalliin kun %95 vaayrasicha fayyisuu akka danda’u mirkanaa’uu to’attoonni dhibee Biriitaaniyaa beeksisaniiru.

Lammiilee Biriitaaniyaaf torbee dhufuu eegalee talaallichi kan laatamu ta’uu eerrameera.

Mootummaan Biriitaaniyaa talaallii namoota miiliyoona 20f  talaaluu danda’u ‘Doozii’ miiliyoona 40 ajajuu kan ibsame yoo ta’u, miiliyoonni 10 guyyoota muraasaa keessatti dhiyaata jedhame.

Talaallichi marsaa jalqamaan ogeeyyii yaala Fayyaa fi namota umrii waggaa 80 oliif kan laatamu yoo ta’u, marsaan lammataan namoota umrii waggaa 50 oliif  fi dargaggoota rakkoo fayyaa qabaniif ni laatama jedhameera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.