Fana: At a Speed of Life!

Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 80 kan ijaarrame bu’uuraaleen misoomaa ICT eebbifame

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Kutaalee magaalaa Qiirqoos, Araadaa fi Kolfee Qaraaniyootti bu’uuraaleen misoomaa Infoormeeshin Koomiinikeeshiin Teeknooloojii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 80 ijaarrame eebbifame.
Itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon bu’uuraalee misoomaa ICT Qiirqoos daawwataniiru.
Ejansii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneen ijaarsi isaa gaggeeffamaa kan jiru bu’uuraaleen misoomaa ICT kutaalee magaalotaa walitti hidhuun kenniinsa tajaajila si’ataa taasiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Kana dura kutaalee magaalaa 5 keessatti bu’uuraaleen misooma ICT kun xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.