Fana: At a Speed of Life!

Birriin dhaabbilee albuudaa fi boba’aarratti bobba’anirraa walitti qabame miiliyoonni 50 naannoo Somaaleef kenname

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti galiin dhaabbilee albuudaa fi boba’aarratti bobba’aniirraa walitti qabame  Birriin Miiliyoonni 50  naannichaaf kennamuu  Ministirri Ministeera Albuudaa  Injinar Taakkalaa Uumaan gama miidiyaa hawaasummaa  isaaniin ibsaniiru.

Birrichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ijaarsa manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaaf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Albuudni qabeenya biyyaa fi uummataa ta’uu ibsuun, irraa fayyadamaa ta’uu kan qabus uummata ta’uu kaasaniiru.

Kutaaleen hawaasaa bakkeewwan albuudni ba’u jiraatan qabeenya albuudaa fi boba’aasanarraa gama carraa hojiinis ta’e karaa garaagaraa fayyadamoo ta’uu akka qaban ibsaniiru.

Jilli Ministira Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan durfamu har’a Jigjigaa kan gale yoo ta’u, jilichaaf Preezdaantii naannichaa obbo Muusxafee Mahaammad dabaletee hooggantoonni olaanoo naannichaa simannaa taasisaniifiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.