Fana: At a Speed of Life!

Biyyatiitti dhukkuboonni daddarboo hintaane sadarkaa yaadessaarra gahuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) – Biyyatiitti dhukkuboonni daddarboo hintaane sadarkaa yaadessaarra gahuun ibsame.
Biyyatiitti dhukkuboota onnee fi dhiphina ujummoo dhiigaa dabalatee dhukkuboonni daddarboo hintaane sadarkaa yaadessaarra gahuu isaanii Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerichi akkaataa biyyatiitti babal’ina dhukkubootaa daddarboo hintaane to’achuu fi ittisuun danda’amurratti qooda fudhatoota damichaa waliin magaala Adaamaatti marii’achaa jira.
Sagantaa marichaarratti kan argaman Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa akka jedhanitti; dhukkuboonni daddarboo hintaane rakkoo fayyaa qofa ta’uu bira darbee diinagdee biyyaarraanis dhiibbaa geesisaa jira.
Keeessattuu dhukkuboonni kanneen akka onnee fi dhiphina ujummoo dhiigaa, Kaansarii fi dhiibbaa dhiigaa babal’achuun sababa kanaan lakkoofsi namoota dhibee kanaan du’anii kan dhukkuba daddarboo caalaa daraan olaanaadhas jedhaniiru.
Biyyatiitti waggaan du’a waliigalaa galmaa’u keessaa %52 kan ta’an dhukkuboota daddaarboo hin taaneen ta’uu eeruun, kanneen keessaa onnee fi dhipinni ujummoo dhiigaa%43.5 qabaachuu himaniiru.
Tajaajila Oduu Ityoophiyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.