Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afriikaa talaallii covid-19 laachu eegalan

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2013 (FBC) – Biyyoonni Afriikaa talaallii covid-19 laachu eegalaniiru.
Gibtsii fi Gaanaan talaallii covid-19 laachuu yoo eegalan, Naayjeeriyaa dabalatee biyyoonni biroo talaallicha guyyaa har’aa laachuu eegalaniiru jedhame.
Hanga ammaatti ardii Afriikaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabama miiliyoona 3 fi kuma 900 fi kuma 37 yoo ta’u, namoonni kuma 100 fi kuma 4 fi 900 ammoo lubbuun darbaniiru.
Vaayrasichi ariitiin tatamsa’aa jiraachuun walqabatee talaalliin vaayrasichaa biyyootaf ergamaa jiraachuun eerameera.
Namoonni umuriin cimanii fi ogeesoonni fayyaa talaallicha dursanii akka fudhatan ibsameera.
Hanga ammaatti addunyaarratti namoonni miiliyoona 100 fi miiliyoona 16 fi kuma 200 fi kuma 50 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni miiliyona 2.5 ol ammoo vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.
Maddi:- CGTN fi Woorlid O Meetri
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.