Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa 7 qorannoo dandeetti ittisa qaamaa vaayarsii koroonaa eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Biyyoonni Afrikaa 7 qorannoo dandeetti ittisa qaamaa vaayarsii koroonaa eegaluuf akka ta’e himame.
 
Qorannoon dandeettii ittisa qaamaa torbee dhufu kan egalamu ta’uu Giddugalli To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa beeksiseera.
 
Qorannoon kun tatamsa’in vaayrasii koroonaa ardichaa beekuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
 
Laaybeeriyaa, Seeraaliiyoon, Zaambiyaa, Zumbaabuyee, Kaameeruun, Naayjeeriyaa fi Moorookoon biyyoota qorannichi itti gaggeeffameuudha jedhame.
 
Ardichatti hanga ammaatti namoota miilyoona 10f qorannoo taasisuuf karoorfamee namoota miiliyoona 9.4 hojjetamuu ibsameera.
 
Itti gaafatamaan giddugalichaa Joon Keenkaasoong Afrikaatti haalli talaalli vaayrasichaa argachuuf itti deemamaa jiru fooyya’aa ta’uu himaniiru.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoomeetirs’ irraa argame agarsiisuutti hanga ammaatti Ardichaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma 88 fi 777 dhibichaan qabaman keessa lubbuun namoota kuma 24 fi 727 darbeera.
 
Maddi :-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.