Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa Lixaa Maalii gamtaasaanii keessaa baasan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Hoggantoonni gamtaa biyyoota Afrikaa Lixaa, Ecowas, fonqolcha mootummaa torbee darbe Maalii keessatti raawwate hordofuun biyyattii miseensummaasaanii keessaa baasaniiru.
Maalii keessatti wagga tokko osoo hin guutin yeroo lamaaf fonqolchi mootummaa raawwateera.
Fonqolcha mootummaa kan qindeessee fi yeroo ammaa mootummaa ce’umsaa kan dursu Koloneel Assimi Goyitaa, walga’ii dhimma Maalii ilaalu kan Gaanaa magaalaa Akiraatti gaggeeffamerratti hirmaateera.
Ministirri Dhimma Alaa Gaanaa Shirlii Ayoorkor Bochewii Maaliin hatattamaan nama biyyattii hogganu hawaasa siivilii keessaa bakka buufachuu qabdi jedhan.
Namni filamu kun mootummaa ce’umsaa ji’oota 18’f turu kan dursuu fi filannoo Guraandhala bara dhufuu gaggeeffamuuf haala kan mijeessuu ta’uu qaba jedhame.
Koloneel Goyitaa erga Preezdaantii mootummaa Ce’umsaa Bah Ndaw fi Ministira Muummee Muktaar Owaanee hidhanii booda aangoo qabataniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.