Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa ragaa faca’iinsa Oomikroon dhiyeessuu dadhabuu isaaniin haala tatamsa’iinsa isaa ibsuun rakkisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Biyyoonni Afrikaa ragaa faca’iinsa Oomikroon dhiyeessuu dadhabuu isaaniin haala tatamsa’iinsa isaa ibsuun rakkisaa ta’uu Giddu Galli To’annoo Dhibee Afrikaa beeksiise.
Biyyoota Afrikaa keessaa Afrikaa Kibbaa qoftu ragaa guutuu tatamsa’iinsa dhibichaan walqabatu dhiyeessaa jiraachuu Daayreektarri Giddu Gala To’annoo Dhibee Afrikaa Dooktar Joon Nikaangaasooning ibsaniiru.
Hanga ammaatti ragaa Vaayrasii Oomikrooniin wal qabatu biyyoonni Afrikaa 39 gabaasa gochuu fi gabaasa dhiyeetarraa ka’uun tatamsa’inni vaayrasichaa Ayyaana Qillee as dabalaa jiraachuu giddu galichi ibseera.
Biyyoonni Afrikaa hedduun tatamsa’insa Vaayrasichaa ilaalchisee ragaa guutuu dhiyeessuu dhabuu isaaniin haala tatamsa’ina vaayrasichaa hubachuun rakkisaa ta’uu Dooktar Joon Nikaangaasooning ibsuu isaanii SABCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.