Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa sadi vaayrasii koroonaan bal’inaan saaximaluu danda’u- Qorannoo

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Afrikaatti biyyoonni sadi vaayrasii koroonaaf carraa saaxilamuu olaanaa akka qaban qorannoon idil addunyaa tokko ifoomse.

Akka ibsa qorannoo kanaatti Gibtsi, Aljeeriyaa fi Afrikaan Kibbaa vaayrasii koroonaan saaxilamuuf carraa olaanaa qabu jedhameera.

Gama biraatin Ityoophiyaa, Naajeeriyaa, Sudaan, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Angoolaa fi Gaanaan ammoo biyyoota vaayrasii koroonaan carraa saaxilamuu gadi aanaa qaban ta’uu qorannoon kun akeekera.

Akka qorannoo kanaatti vaayrasiin kun yeroo ammaa saffisaan tatamsa’aa fi lubbuu namoota hedduu galaafata.

Dawwaan dhibee kanaa hanga ammaatti argamuu dhabuun ammoo biyyoota addunyaaf yaaddoo guddaa ta’uun ibsameera.

Akka qorannoon meedikaalaa ‘CILANSA’ jedhamu ifoomsetti namoonni dhibichaan du’an hir’ataa dhufuunis tatamsa’inni isaa ammas sadarkaa yaaddeessaa irra jira jedha.

Dhibee kanaan hanga ammaatti namoota kuma 77 fi 658 qabaman keessaa namoonni kumni 2 fi 663 du’aniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.