Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni boba’aa oomishan oomisha boba’aa hir’isuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Biyyoonni miseensa biyyoota  boba’aa oomishaniifi erganii( OPEC) oomisha boba’aa hir’isuuf waliigaluu gabaafame.

Biyyoonni kunneen oomisha boba’aa guyyaatti oomishanii baarmeela miiliyoona 2n hir’isuuf waliigaluu ibsaniiru.

Kunis dhiyeessii idil addunyaarraa %2 ta’uu eerameera.

Murtoon biyyoonni kunneen oomisha boba’aa hir’isuuf dabarsan bara faranjootaa 2020 as isa olaanaa ta’uu ibsameera.

Murtichi baatii Sadaasaarraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.