Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa BRICS sirni olaantummaa biyyoota Lixaarraa bilisa ta’e akka uumamu gaafatan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC) – Biyyoonni miseensa BRICS addunyaan sirna olaantummaa warra dhihaa irraa bilisa ta’e akka uumamu gaafataniiru.

Walga’iin ministiroota biyyoota miseensa BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon biyyoota Miseensa BRICS addunyaa walabaa haqa qabeessuummaan keessatti dagaagee fi loogirraa bilisa taatee fi olaantummaa biyyoota lixaarraa bilisa taatee uumuu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedii Paandoor baniinsa walga’icharraatti ibsaniiru.

Kaayyoon walga’ichaa olaanaan addunyaan kallattii tokko qofaan akka hin hoogganamnee fi sirni boofaan addunyaa har’aaf kan hin hojjenne ta’uu ergaa cimaa darbarsuufi jedhan Ministirri Alaa Hindi Subhaamaaniyaam Jaayishaankaar.

BRICS fedhii siyaasaa biyyoota guddataa jiranii giddu galeessa taasiisuun addunyaa hundaaf taatu ijaaruu ta’uu Ministirri Alaa Biraaziil Maawuroo Viiyeeraan himaniiru.

Saa’ud Arabiyaa dabalatee biyyoonni 10 ol miseensa BRICS ta’uuf fedhii agarsiisuu isaanii Ministirri Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov ibsaniiru.

Biyyoonni miseensa BRICS baayyina Ummataa biiliyoona3.2 kan qaban yoo ta’uu baayyina ummata addunyaa 40 kan uwwisan ta’uu BBCn gabaaseera.

Biraaziil, Raashiyaa, Hindi, Chaayinaa fi Afrikaan Kibbaa biyyoota BRICS hindeessaniidha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.