Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa Gamtaa Awrooppaa talaallii vaayrasii koroonaa oomishamuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Biyyoonni miseensa Gamtaa Awrooppaa 4 talaalliin vaayrasii koroonaa akka oomishamu waliigaltee mallatteessan.
 
Faransaay, Jarman, Neezarlaandisi fi Xaaliyaan dhaabbata dawaa oomishu Astiraazeeniikaa waliin waliigalticha mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichi talaallii ga’aa oomishuudhan weerara vaayrasii koroonaa ittisuu kan dandeessisudha jedheera Ministeerri Fayyaa Xaaliyaan.
 
Akkaataa waliigaltichaatin talalalin oomishamu qaruuraa dawaa ishee xixiqqaa miiliyoona 400.
 
Astiraazeeniikaan dhaabbata Ingiliizii fi Swiidiin, dawaa oomishuun maqaa gaarii qabudha.
 
Talaallin tajaajila biyyoota Awrooppatiif oomishaaf qophaa’aa jiru kun Yuunvarsiitii Ookisfoordin gabbachaa jira.
 
Dhaabbatichis bu’aa maallaqaa malee addunyaa badiirraa baraaruuf talaallicha kan oomishu ta’uu beeksiseera.
 
Talaallin argame sadarkaa yaalii kiliinikaalaarra(yaalii fayyaa) ga’eera.
 
Ganna kana keessas yaalin isaa ni xumuramaan eegama.
 
Bu’a qabeessummaan isaa amansiisaa taanan talaallichi dhuma bara Faranjootaa 2020 kanaaf ni qaqqaba jedhameera.
 
Dhaabbanni dawaa oomishu kun kanaan dura biyyoota biroo waliinis waliigaltee mallatteessun isaa ni yaadatama.
 
Chaayinaa, Braaziil, Jaappaan, Raashiyaais fedhii walfakkaataa qabaachuu CGTN gabaasera.
 
Astiraazeeniikaan kanaan dura talaallii qaruuraa xixiqqaa biiliyoona 2 oomishuuf Dhaabbilee Oomisha Dawaa Idil Addunyaa waliin waliigaltee mallatteessun isaa ni yaadatama.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.