Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 16,2012(FBC)- Biyyoonni Miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf waliigaluu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad beeksisan.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Biyyoonni Miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa akka murna tokkootti tatamsa’ina #COVID-19 ittisuu fi gaaga’ama Vaayrasichi diinagdeerraan ga’uu danda’u dandamachuuf shoora hogganummaa ijoo ta’e taphachuu akka danda’an ibsaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota naannichaa waliin haala tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuun danda’amurratti bilbilaan marii taasisaniiru.
 
Hoggantoonni kunneen qormaata qunnamuuf deebii barbaachisu laachuuf qindoominaa fi walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaluu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Waliigatee fi irree tokkoon fedhii naannichaa eegsisuuf hoggantoonni qindoominaan hojjennaan galma ga’uun ni danda’ama jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.