Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni sadeen guyyoota 7f kan turu waliigaltee sadeenii gaggeessuf adeemsa fuula duraa fi dabaree yeroo irratti waliigaluun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Biyyoonni sadeen guyyoota 7f kan turu waliigaltee sadeenii gaggeessuf adeemsa fuula duraa fi dabaree yeroo irratti waliigaluun ibsame.

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts guyyoota 7 keessatti waliigaltee sadeenii gaggeessuf adeemsa waliigaltee fuula duraa fi dabaree yeroo irratti waliigaluun isaanii ibsameera.

Biyyoonni guyyoota 7 keessatti waliigaltee sadeenii gaggeessuf adeemsa waliigaltee fuula duraa fi dabaree yeroo irratti waliigaluun, dhimmoota garaagartee qaban irratti garaagartee dhiphisuu fi firii isaas Ministeera Dhimma Alaa fi Ministeeroota Dhimma Bishaaniif waltajjii fuulduraatti dhiyeessuf waliigaluun ibsameera.

Afrikaa Kibbaatti Ministeerri Hariiroo fi Tumsa Idil Addunyaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa dursee Onkololeessa 11, 2012 xalayaa biyyootaaf barreessee fi bu’uuruma waamicha dhiyeesseen Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsii fi Ministeeroonni Dhimma Bishaanii Onkoloeessa 17,2013 marii taasisaniiru.

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa dursee jalqaba Onkololeessaa hoggantoonni Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts marii bilbilaan taasisaaniin waliigalteerra ga’anii fi bu’uuruma kaa’aniin waliigaltee itti fufuuf waliigaluu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.