Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni sirna fayyaa cimaa ijaaruu qabu- Dooktar Teediroos Adihaanoom

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Biyyoonni sirna fayyaa cimaa ijaaruu akka qaban daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom dhaamaniiru.

Biyyoonni Afrikaa weerara koroonaa vaayrasii ittisuuf odeeffaannoo wal jijjiirraa taasisaanii fi deebiin hatattaamaan keennaa jiran onnachiisaa ta’uu dura ta’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii ibsaniiru.

Iddoo argama vaayraasichaa kan taatee Chaayinaatti biyyoonni Afrikaa 13 daandii garagaraan walitti dhufeenya waan qabaniif haalaa olaanaan vaaysaarichaaf saaxilamoo ni ta’u jedhaniiru.

Kanaafis biyyoonni sirna fayyaa cimaa ijaaruu akka qaban daayreektarri olaanaa dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom himaniiru.

Tamsa’ina vaayrasichaa fi ittisa isaarraatti ministiroonni fayyaa biyyoota Afrikaa garaagaraa fi hoggantoonni gamtaa Afrikaa waliin mari’ataa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.